Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad Jimmaa jiru

Finfinnee, Fulbaana 8, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad har’a waaree booda magaalaa Jimmaa galaniiru.

Dooktar Abiyy Ahimad buufata xiyyaaraa Jimmaa Abbaa Jifaar wayita ga’aan abbootii Gadaa, dureewwan amantaa, jaarsolii biyyaa fi qaamolee hawaasa garagaraan simannaa taasifameefira.

Sirna simannaa kanarratti kennaan kabajaa Dooktar Abiyyif laatamusaa odeeffannoon Waajjira Dhimmota Kominiikeeshinii Godina Jimmaarra arganne ni muldhisa.

Dooktar Abiy abbootii qabeenyaa biyyaa waliin godina Daawuroo daawwataniiru.

Daawwi isaaniin sagantaa maaddii biyyaan iddoowwan misoomuuf karoorfaman Kooyishaa hanga Mootii Halaalaa Keella daawwataniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.