Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad ogeeyyii artiif beekkamtii laatan

Finfinnee, Bitootessa 30, 2013 (FBC)-Muummeen Ministeera FDRI Dooktar Abiy Ahimad Paarkii Inxooxxootti ogeeyyii artiif beekkamtii laataniiru.

Sagantichi mata duree ‘Ityoophiyaa waan tajaajiltaniif isiin galateeffanna’ jedhuun gaggeeffameera.

Saganticharratti namoonni aartii damee oogummaa hundaan biyya isaaniif olmaa oolaan hirmaataniiru.

Ogeeyyiin aartii buleeyyii Dooktar Abiy Ahimadirra meedaaliyaa beekkamtii fudhataniiru.

Filannoo artiistoota badhaafamoo kan gaggeeffamee ogummaa artii Ityoophiyaa keessaatti shooraa kan ba’aan, biyyaa isaanii kaka’uumsaan kan tajaajilaan, guddina ogummaa isaniif shooraa kan ba’aataan, kanneen umriin isaanii gara 60ttii siqee fi isaa  ol akkasumas kanneen lubbuun jiraniidha.

Badhaasafi beekamtiin laatamee kunis ogeeyyii aartii damee fiilmii, tiyaatiraa ,muziqaa fi barreefama, fakkii fi bobocaa irratti hirmaatanif jedhameera.

Alaazaar Taaddalaatu gaabase

\Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.