Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy hidha jallisii Goodee daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2013 (FBC)- Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad hidha jallisii Goodee laga Shaballeerratti ijaarrame daawwataniiru.

Hidhichi Qamadii gammoojjii fi kuduraa fi muduraan lafa heektara 2000 irraa jiru oomishaa jira.

Daawwannichaan irratti itti aanaan Muummee Ministiraa obbo Dammaqaa Mokonninii fi preezdaantii mootumma naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamaniiru

Dooktar Abiy har’a ganamaa naannoo Sumaaleetti argamuun ijaarsa proojakti daandii Goodee Qallaafoo Farfaar ifatti eegalchiisaniiru.

dabalataniis Dooktar Abiy Ahimad daandii ijaarsa proojaktii Jigjigaa- Galalaash-Gadahamdoo ifatti eegalchiinsan

Daandichi dheerina kiilo meetira 166 qaba jedhameera.

Dooktar Abiy daandii Galalaash Jigjigaarra kiilo meetira 56 dheeratu ebbisiisun hojii eegalchiisaniiru.

Ijaarsa daandii Galalaash-Gadahamdoo-Sagaag kiilo meetira 110 ammoo har’a ifatti eegalchiisaniiru.

Ijaarsii proojaktichaf Birriin biiliyoonni 1.8 ramadameeraf.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.