Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy ijaarsa proojektii gidduugala yaalaa Roohaaf Dhagaa Bu’uuraa kaa’aan

Finfinnee, Eebila 2, 2013 (FBC) – Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ijaarsa proojektii gidduugala yaalaa Roohaaf Dhagaa Bu’uuraa kaa’aaniiru.

Proojektiin guddaan kun magaalaa Finfinnee naannoo Garjiitti kan ijaarramu yoo ta’uu Doolaarri miiliyoonni dhibbi 3 ol baasii itti ta’a jedhame.

Sirna Dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon argamaniiru.

Ijaarsi isaa waggaa shan keessatti kan xummuramu yoo ta’uu, Dhaabbanni Ameerikaa gidduugala yaalaa Roohaa Guruup jedhame baajata mataa isaan ijaarsiisa jedhameera.

Gidduugalichi Hospitaaloota shan kan of keessatti hammatu ta’uu ibsameera.

Waggaa tokko keessatti Hospitaala 1 xummuruun tajaajila eegalchiisuuf karoorfamuu himameera.

Giddugalichi ogeeyyii yaalaa kuma 4 fi 2oo dabalatee namoota kuma 7 fi 200f carraa hojii kan uumuu ta’uu himameera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.