Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Naannoo Amaaraa muudama laate

Finfinnee, Gurraandhala 10, 2012 (FBC) – Manni Maree Naannoo Amaaraa yaa’ii ariifachiisaa marsaa 5ffaa waggaa 5ffaasaatin muudama laate.
 
Haaluma kanaan;
 
1/Dooktar Fantaa Maandafroo; itti aanaa preezdaantii naannoo Amaaraa,
2/ Dooktar Yashiimmabeet Mangistee; Oodiitara Olaantuu,
3/ Obbo Abbuuyyee Kaasaaw; preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa,
4/ Obbo Haaylayyasuus Tasfaamaariyaam; itti aanaa preezdaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannoo Amaaraa,
5/ Dooktar Muluunash Abbabaa; sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessituu kilaastara hawaasummaa fi hoggantuu Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa
6/Dooktar Sayid Nuuruu; sadarkaa itti aanaa preezdaantiitti qindeessaa kilaastara diinagdee fi hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa, Koonistiraakshinii Manneenii,
7/Obbo Tafarraa Wandimmaaganyahu Gadlee; hogganaa Biiroo Indaastirii fi Invastimantii,
8/ Obbo Siisaay Daamxee; hogganaa Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa naannoo Amaaraa ta’uudhan muudamaniiru.
 
Hoggansa gara federaalaa ergamanii fi barbaachisummaa isaaniirratti, qaawwa hoggansaa uumamuu malu yaadota jedhanirratti gaaffin ka’ee manni marichaa mari’ateera.
 
Gaaffilee fi yaadolii ka’aniif itti aanaan preezdaantii mootummaa naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah ibsa laataniiru.
 
Dhimmi isaanii mana marichaatin ilaalamuu baatus gara federaalaatti kan ergaman; obbo Laaqaa Ayyaaleew itti aanaa preezdaantii naannichaa, obbo Yohaannis Bwaayaalaw ergama Paartii Badhaadhinaatif, obbo Malaakuu Aallabal muudamni isaanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRItin kan ragga’e, obbo Fantaa Dajan ta’uun ni yaadatama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.