Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Hiruut Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Iraan waliin mari’atan

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuurizimii Dooktar Hiruut Kaasaaw Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Iraan Saamaad Alii Laakiizaadeehi waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.

 

Dooktar Hiruut hariiroo seenaa qabeessa bara dheeraa biyyoota lamaanii yaadachuun, hariiroon michuumma seenaa qabeessi kun cimee itti fufu qaba jedhan.

 

Dameewwan Aadaa, Tuurizimii fi Ispoortiin waliigaltee bara Faranjootaa 2001 hanga 2010 taasiifame irra deebiin haaromsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.

 

Yeroo dhiyootti Wixinee sanada waliigaltee waloo qopheessuun mallatteessuuf waliigalteera ga’uu isaanii ragaan Ministeera  Aadaa fi Tuurizimiirraa argame ni agarsiisa.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.