Fana: At a Speed of Life!

Dooktariiniin Poolisii FDRI haaraan ifoome

Finfinnee,Fulbaana 29, 2013 (FBC) – Dooktariiniin Poolisii FDRI haaraan ummataa tajaajiluu fi ammayya’aan ta’e ifoome.
 
Dooktariinuun kun waggoottaan lamaan darbaniif Komishiiniin Poolisii fi Ministeerri nageenyaa waliin ta’uun kan qopheessan ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Indashaaw Xaasoow ibsaniiru.
 
Poolisii ummata tajaajilu, ammayya’aa fi itti fufaa ta’e ijaaruuf Dooktariinii sadarkaa isaa eeggateedha jedhan..
 
Olaantummaa seeraa mirkaneessuuf, hanqinaalee poolisii muul’atan maksuu fi nageenya ummataa eegsisuu kan dandeessisu Doktariinii ammayya’aa fi poolisii itti fufa ijaaruuf gargaaru ta’uu Jeneraal Indashaaw ibsaniiru.
 
Poolisii sirnaaf osoo hin taane nageenya ummataa mirkaneessuuf dhaabbatu, siyaasaarraa bilisa ta’e, sirna waliin hin jijjiirramnee fi aantummaa ummataa qabu ijaaruuf Dooktariinii qophaa’e ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kamiil dubbataniiru.
 
Poolisii ummataan sodaattamu osoo hin taane kan ummataan barbaaddamu ta’uu qaba jedhan.
Poolisiin ijaarramu ga’umsa ogummaa kan qabu, amanamaa fi mirga namoomaa kan kabachiisu ta’uu akka qabus adde Mufariyaat eeraniiru.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.