Fana: At a Speed of Life!

Dooktaroota Lakkuu Yuunvarsiitii Jimmaarraa eebbifaman

Finfinnee, Fulbaana 8, 2014( FBC)- Dooktaroonni Lakkuu Yuunvarsiitii Jimmaarraa eebbifamaniiru.

Dooktaroonni Lakkuu kunneen waggoottan 25 dura Godiina Wallaga Bahaa magaalaa Naqamteetti dhalatan.

Dooktaronni kunneen Nagaasaa Birraatuu fi Nagarii Birraatuu jedhamu.

Eebbifamtoota guyyaa har’aa Yuunvarsiitiin Jimmaa eebbisiise keessaa warreen qalbii namaa hawwataniidha.

Lakkuuwwan kunneen walfakkeenya fuulasanii irra darbee turtii barnootasaaniitiin qabxii walfakkaataa galmeessaa turuun isaanii nama dinqisiiseera.

Lakkuu ta’anii mana barumsaa tokkotti barachuun carraas qormaatas akka ta’e turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin ibsaniiru.

Miira isaanii  walqixa hirmaachuun isaanii carraa yeroo ta’u, turtii barnoota isaaniitiin gaaffiin kan itti baayyatu ta’uun immoo qormaata jedhaniiru.

Gara fuulduraattis daa’imman lakkuu godhachuu feena jechuun hawwii gaarii qaban ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.