Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii fiigichaa biyyoota garagaraatti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa milka’aan

Finfinnee, Bitootessa 16, 2016 (FBC) – Xumura Torbee kanaa dorgommii fiigichaa biyyoota garagaraatti gaggeeffameen Atileetoonni Itiyoophiyaa milka’aaniiru.

Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Magaalaa Huwaanitti gaggeeffameen Atleet Maaree Dibaabaan fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 25 fi sekondii 12 xumuruun injifatteerti.

Fiigicha walakkaa Maaraatoonii Xaaliyaanii Magaalaa Milaalootti fiigameen Atileet Anchinaaluu Dasseen sa’aatii 1 fi daqiiqaa 07 fi sekondii 55 xumuruun injifatte.

Fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa magaalaa Cheengiduutti Atileetoota dhiiroota gidduutti dorgomameen ammoo Atileet Fiqaaduu Margaan fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiiqaa 19 fi sekondii 9 xumuruun 1ffaa yoo ba’u, Atileet Ballaxaa Makonniin ammoo sadarkaa 2ffaan xumureera.

Akkasumas fiigicha Maaraatoonii Chaayinaa Magaalaa Wuzyiinitti gaggeeffameen Atileet Taadduu Abaataan fageenyicha sa’aatii 2 fi daqiiqaa 6 fi sekondii 18 xumuruun sadarkaa 1ffaa yoo ba’u, Atileet Abbay Alamuun 2ffaan xumureera.

Fiigicha meetira kuma 8 Emireetoota Araba Gamtoomaniitti dorgomameen ammoo Atileet Barrihuun Fayyeen 1ffaa, Gammachuu Tolasaa 2ffaa fi Ayyaansaa Alamuun 3ffaa ba’uun xumuraniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.