Fana: At a Speed of Life!

Duula qorannoo vaayrasii koroonaatiin namootni kuma 200 ni qoratamu

Finfinnee, Hagayya 2, 2012 (FBC) –  Duula qorannoo vaayrasii koroonaatiin namootni kuma 200 ni qoratamu.

 

Duula qorannoo vaayrasii koronaa mataduree ‘Eenyuyyuu’ jedhuun Hagayya 1 hanga 17, 2012tti Ityoophiyaatti adeemsifamuun namootni kuma 200 kan qorataman ta’uun ibsameera.

 

Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatti, Daayrektarri Barnoota Fayyaa fi Kominikeeshinii Sistar Sa’aadaa Ahmad ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, torban lamaan dhufanitti akka biyyaatti duulli qorannoo vaayirasii koroonaa namoota kuma 200f ni taasifama.

 

Ummatnisi kana hubatee akka qoratamuufi yoo akka tasaa vaayrasichaan qabames gorsa ogeessonni fayyaa kennaniin bakka wal’aansaa qophaa’etti tajaajila argachuun akka danda’amus eeran.

 

Dagannaa hawaasa biraa mul’ataa jiruun keessumaa ji’oota lamaa as tamsa’inni vaayrasichaa daran dabalaa jiraachuus ibsanii, ummanni gorsa ogeessota fayyaa sirnaan hojiirra akka oolchuufi hubannoo qabutti akka fayyadamu qaban yaadachiisaniiru jechuun Dhaabbata Pireesii Ityoophiyaatu gabaase.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.