Fana: At a Speed of Life!

Duulli misooma suluulaa eegalame

Finfinnee, Amajjii 1, 2012 (FBC) – Duulli misooma suluulaa bara kaanaa akka naannoo Oromiyaatti hirmaannaa hawaasaatin godina Harargee Lixaa aanaa Gubbaa Qorichaa araddaa Ulaagaatti eegalame.

Duula misooma suluulaa bara kanaas hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Dhaabaa Dabalee kan jalqabsiisan yoo ta’u, hoggantoonni misooma baadiyyaa sadarkaa naannoo fi godinaa irratti argamuun hawaasa jajjabeessaniiru.

Hojiin misooma suluulaa erga jalqabamee haalli qilleensaa mijataa uumamuun, jiruu fi jireenya isaanii ittiin fooyyeffachaa akka jiran qonnaan bultoonni aanichaa ibsaniiru.

Duulli misooma suluulaa kun godinuma kana aanaa Abroottis guyyaa har’aa itti fufee kan gaggeeffamu yoo ta’u, guyyaa boorii godina Harargee Bahaattis itti fufee kan gaggeeffamu ta’uu ragaan waajjira Biiroo Qonnaa Oromiyaa ni muldhisa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.