Fana: At a Speed of Life!

Eda galgala guutuu biyyattiitti elektiriikni maaf adda cite?

Finfinnee, Gurraandhala 21, 2012 (FBC) – Eda galgala guutuu biyyattiitti elektiriikni maaf adda cite?
 
Kaleessa galgala guutuu biyyattiitti humni elkektiriikaa adda citeet ture.
 
Sa’aawwan muraasan booda naannoleen muraasni humnicha deebisanii kan argatan yammuu ta’u, naannolee muraasatti ammoo ammas akkuma addaan citetti jira.
 
Daayreektarri koominikeeshinii Humna Elektiriikaa Ityoophiyaa obbo Moogas Makoonnan adda cituu humna elektiriikaa ilaalchisuudhan ibsa Faanaa Broodkaastiing Koorporeetif laataniin akka beeksisanitti, sarara dabarsa elektiriikaa madda anniisaa Gibee 2 walqabata jedhaniiru.
 
Gibee 2 ka’ee gara Sabbataa fi Sokorruu kan geessu sararri guddaan kiiloo vooltii 400 rooba bubbee makatee rooben rakkoon isa mudateera jedhan.
 
Sababuma kanaan sararri Gibee 3 ka’ee Walaayittaa Sooddoorraan gara Galaan kan seenu humna ergeera.
 
Yeruma kanas Gibee 3 ka’ee bakkeewwan biyyattii hedduutti fedhii humna elektiriikaa kan guutu, humni dabalataa itti dhufnaan ofumaa tajaajila laachuu dhaabera.
 
Yeroon humni elektiriikaa itti adda cite yeroo humni guddaan itti barbaadamu waan ta’eef, fedhicha guutun waan hin danda’amneef bakkeewwan biyyattii hedduutti elektiriikni adda citeera.
 
Rakkoon isaa adda ba’ee waan beekameef, sirreeffamni taasifamuu isaatin iddoowwan humnichi itti adda cite hedduun amma barii sa’aa 11tti tajaajilicha deebisanii argataniiru.
 
Rakkinichi furamus hojiin sararootaa fi nageenya mirkaneessuu dabalataa hojjetamuu waan qabuuf bakkeewwan muraasni hafan hojichaan booda humnicha ni argatu jedhan obbo Moogas.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.