Fana: At a Speed of Life!

Eejansiin Immigreeshinii Lammummaa fi Taateewwanii har’aa kaasee guyyootii hin murtoofnef tajaajila paaspoortii laachuu dhaabe

Finfinnee, Bitootessa 15, 2012 (FBC) – Eejansiin Immigreeshinii Lammummaa fi Taateewwanii har’aa kaasee guyyootii hin murtoofnef tajaajila paaspoortii laachuu dhaabe.

Eejansichatti daayreektarri koominikeeshinii obbo Dassaalany Tarreessaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti har’aa eegalee tajaajilli paaspoortii haaraa laachuus ta’e haaromsuun hin laatamu.

Yaata’uutii hojiilee mootummaa barbaachisoo fi dhukkubsattootaf paaspoortiin ariifachiisaan ni laatama.

Kun garuu biyyoota Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa balalii adda kute 30n hin dabalatu.

Ii-viizaa fi oon arraayvaal viizaanis hin kennaman.

Dabalataan eeyyamni jireenyaa fi tajaajilli waraqaa eenyummaa dhalattoota Ityoophiyaas yeroo murtaa’ef hin kennamu.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.