Fana: At a Speed of Life!

Eeruun kaadhimatoota komishinaroota komishinii maree biyyaalessaa har’a ni xumurama

Finfinnee, Amajjii 13 , 2014 (FBC) – Eeruun kaadhimatoota komishinaroota komishinii maree biyyaalessaa har’a kan  xumuramu ta’uu koreen eeruu fudhatu beeksise.

Uummanni kaadhimamtoota Komishinaroota Komishinii maree biyyaalessaa Mudde 26, 2014 irraa eegalee hanga Amajjii 13, 2014tti karaa garaagaraa eeruu kennaa turuun isaa ni yaadatama.

Guyyaan har’aa guyyaa dhumaa eeruun itti kennamu waan ta’eef warren eeruu kennuu hin dandeenye eeruu kennuu kan danda’an ta’uu koreen eeruu fudhatu beeksiseera.

Akka lammiitti mirga dhimma biyyaalessaarratti murteessuu fayyadamuun eeruu akka laattan jechuun koreen eeruu fuudhu kan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataan hundaa’e  waamicha taasiseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.