Fana: At a Speed of Life!

Eeyyamni jirraa ispoortii dhorkame

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Eeyyama jirraa(Beetiing) taphoota ispoortii kennuu yeroof dhaabuu isaa Bulchiinsi Lootorii Biyyaaleessaa Ityoophiyaa beeksise.

Dursaan garee kenna eeyyamaa fi too’annoo bulchiinsichaa obbo Gazzaahany Yilmaa, qajeelfama kenna eeyyama damichaa lakkoofsa 83/2005 fooyyessuun waan barbaachisuuf yeroof eeyyama kennuun dhaabbateera jedhan.

Manneen ispoortii kanneen irratti komiin ummataa heddumataa jiraachuus ibsaniiru.

Keessattuu manneen jirraa taphoota Ispoortii (Beetiingi )kunneen naannoo manneen barumsaa fi daa’imman umuriin isaanii waggaa 18 gadi ta’an Jirraa kana keessatti hirmaachisaa jiraachuun komii bal’aa kaasuu himaniiru.

Dhaabbatichi too’annoo fi hordoffii taasiseen manneen Jirraa taphoota Ispoortii kanneeniif eeyyama kennuu dhaabuun murteessaa ta’ee argamee jira jedhan obbo Gazahaanyi.

Bu’uruma kanaan yeroof eeyyamni damichaaf kennamu dhaabbatee jira jedhaniiru.

Haa ta’uutii dhaabbilee kanaan dura eeyyama fudhatanii hojii irratti argaman irratti tarkaanfiin fudhatamu akka hin jiraanne ibsaniiru.

Yeroo ammaatti manneen jirraa taphoota Ispoortii 46 hojii irratti kan argaman ta’uu ibsaniiru.

Ogeeyyiin seeraa fi dargaggoonni gochaan kun xinsammuu fi diinagdee namoota hedduu miidhaa jira jechuun balaaleeffata jiru jedhameera.

Ministeerri Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Dargaggootaas adeemsii kun adeemsaa dhaloota balleessuu fi biyyaaf yaaddoo guddaa ta’aa jiruudha jedha.

Dhaabbileen kunneen gama isaaniin bakka seeraan eeyyama baafannee hojii hojjechaa jirrutti gochaa maqaa balleessutu nurratti hojjetamaa jira jedhu.

Dhaabbiileewwan kunneen yeroo ammaa yoo xiqqaate hojii dhabdoota kuma 1 fi 800 oliif carraa hojii osoo uumee jiruu duulli maqaa balleessuu adeemsiifamaa jiru seeraa miti jechuun komataa jiru.

Dabalataan bu’aa argatu % 20 hojii tola ooltummaaf oolchaa jiraachuu fi mootummaaf birrii miiliyoon 6 ol galii galchuu isaa ibsameera.

Maddi:-TOI

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.