Fana: At a Speed of Life!

Ejjennoon Ityoophiyaan Hidha Haaromsaarratti qabatte faayidaa biyyaa giddu gala kan taasifatedha- obbo Dheeressaa

Finfinnee, Amajjii 29, 2012 (FBC) – Ejjennoon Ityoophiyaan ijaarsa Hidha Haaromsaarratti qabatte faayidaa biyyaa giddu gala kan taasifatedha jedhe Manni Maree Ijaarsa Hidha Haaromsaa Oromiyaa.
 
Ejjennoon Ityoophiyaan marii sadeerratti qabatte qabatte faayidaa biyyaa kan eegsise ta’uu itti gaafatamaan mana marichaa obbo Dheeressaa Tarrafaan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himaniiru.
 
Sochiin ijaarsa hidhichaa bifa haaradhaan gaggeeffamuu erga jalqabee, raawwiin isaa gaarii ta’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan murteewwanii fi ejjennoon qabatte birmadummaa fi faayidaa biyyaa kan kabachiisedhas jedhan obbo Dheeressaan.
 
Ejjennoon kunis fayyadamtummaa waloo biyyoota yaa’a gadaanu keessa jiraniis kan kabachiisedhaan ibsan.
 
Lammileen tumsa taasisan daran akka cimsan gaafachuu isaanii Yidnaqaachaw Haaylamaariyaam gabaasera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.