Fana: At a Speed of Life!

Embaasichi lammiilee Ityoophiyaa 200 karaa seeraan alaa Afrikaa Kibbaatti imaluuf turan gara biyyaa akka deebi’an tumsa taasiise

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Keeniyaatti Embaasiin Ityoophiyaa lammiilee Ityoophiyaa 200 daangaa Keeniyaa ce’uun karaa seeraan alaa gara Afrikaa Kibbaa imalauuf turan gara biyyaa deebi’an tumsa taasiisuu ibsame.

Lammiileen kunneen qaamolee karaa seeraan alaan namoota daddabarsaniin daangaa Keeniyaa qaxxaamuruun gara Afrikaa Kibbaa wayita imaluuf turan to’atamuun Mana Hidhaa keessa kanneen turan yoo ta’uu, Embaasichi himanni isaanii adda citee mana hidhaa ba’uun gara biyyaa akka deebi’an taasiiseera.

Lammiileen kunneen manneen Hidhaa Laangaataa, Indaastiriyaal, Maakoongii, Kaasaaraanii fi Kaayyuulee jedhaman keessatti baatii 2 hanga baatii 6 turuu isaa Embaasichi ibseera.

Ityoophiyaanoonni kunneen mirgi isaanii akka kabajamu hoggantoota Immigireeshinii biyyattii fi Daayrektoreetii qorannoo yakkaa waliin hojjetamaa turuu ragaan Keeniyaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.