Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin Haacaaluu boolla bishaanii Birrii miiliyoona 14’n qochisiisuuf

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)-Fawundeeshiniin Artistii Haacaaluu Hundeessaa Godina Booranaa Aanaa Miyoo Gandaa Bokkuutti boolla bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 14’n qochisiisuufi.

Godinichatti Haati warraa Artist Haacaaluu Aadde Faantuu Damissoo dhagaa bu’uuraa kaa’uun hojii eegalchiisan.

Aadde Faantuu Damissoo, horsiisee bultoota Godina Booranaa hongeen miidhaman bira dhaabbachuu keenya agarsiisuufi jedhan.

Hojiichas Oromoo abdachuun itti fufna jedhaniiru.

Bulchaan Aanaa Miyoo Obbo Aschaaloo Yohaanis, gumaacha Faawuundeeshinii Artisti Haacaaluu Hundeessaa galateeffataniiru.

Rakkoo bishaan dhugaatii hawaasa horsiisee bulaa hubachuun nu bira dhaabbachuun keessan aantummaa Haacaaluun Oromoof qabu kan dhugoomsudha jechuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.