Fana: At a Speed of Life!

Fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf gaheen Baankii Addunyaa olaanaadha jedhame

Finfinnee, Caamsaa 11, 2015(FBC)- Fayyadamummaa gama maraa lammiilee mirkaneessuufi dandeettii dorgomtummaa guddisuuf gaheen Baankii Addunyaa olaanaa tauu ibsameera.

Sagantaan cufiinsa Piroojektii carraa hojii uumuufi dorgomtummaa waggoottan saddettan darbaniif deeggarsa Baankii Addunyaan Paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lamii Lakk. 2 fi Qilinxootti hojiirra oolaa ture magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akliiluu Taaddasaan, piroojektichi dargaggoota kuma 10 oliif carraa hojii uumuurra darbee sharafa alaa guddisuu keessatti gahee olaanaa ba’achuu ibsaniiru.

Qaamolee kaayyoo piroojektichaa milkeessuu keessatti gaheesaanii ba’atan galateeffataniiru.

Piroojektichaan paarkiiwwan Indaastirii Boolee Lamii Lakk.2fi Qilinxoo keessatti bu’uuraaleen garaagaraa Doolaara miiliyoona 425 ijaaramuus ibsameera.

Saganticharratti dhaabbileefi qaamolee qooda fudhattootaa hojiirra oolmaa piroojektichaarratti hirmaataniif waraqaan raga kennamuu ragaan korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.