Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi atleetota shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Afrikaaf qophiirra turan gaggeesse

Finfinnee, Bitootessa 4,2012 (FBC)- Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa atleetota shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa Afrikaaf qophii taasisaa turan gaggeessuu beeksise.

Koonfedereeshiniin Atleetiksii Afrikaa (CAA) eda galgala ibsa baasen akka beeksisetti, shaampiyoonaan qaxxaamura biyyoota Afrikaa bara kana gaggeeffamuuf ture bara dhufutti darbeera.

Sababa shaampiyoonaan qaxxaamura biyyaa Arfikaa 6ffaan Toogoo Loomeetti bara Faranjootaa Eebla 8, 2020 gaggeeffamuuf ture bara 2021tti darbeef atleetoota Duukamitti qophiirra turan Bitootessa 4, 2012 irraa eegalee gaggeessuu isaa Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa beeksiseera.

Shaampiyoonaan kun sababa sodaa vaayrasii koroonaatin darbuu isaa Koonfeedereeshinichi ibseera.

Bara dhufu baatii fi guyyaa shaampiyoonaan kun gaggeeffamu adeemsa keessa kan ifoomsu ta’uus beeksiseera.

Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa atleetootaa fi leenjiftoota qophiirra turaniif waantoota barbaachisan hunda guutuun rakkoo tokko malee mariin gaggeessuu isaa himeera.

Federeeshinichi guyyaa kaleessaa jila kanaaf dhimmoota vaayrasichaan walqabatanirratti hubannoo laachuu isaa ragaan federeeshinicharraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.