Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ityoophiyaaf badhaasni Birrii miiliyoona 6 akka laatamu murteesse

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC) – Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa waggaa 8 booda Geeba Afrikaaf darbeef badhaasni Birrii miiliyoona 6 akka laatamu murteesseera.
Federeeshinich walga’ii gaggeesseen garichaaf badhaasni Birrii miiliyoona 6 akka laatamu murteessera.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa murteewwan garaagaraa dabarseera.
Badhaasni laatamu kun tapha Priimeyar Liigii Ityoophiyaa xummuraa Istaadiyeemii magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamurratti akka ta’u murteessera.
Dabalataan Federeeshinoota Kubbaa Miilaa naannolee dorgommii waggaa 17 gadii irratti hojjetaniif tokkoon tokkoo naannolee fi bulchiinsa magaalootaaf Birrii kumni dhibbi 3 akka laatamu murteessuu ragaan Federeeshiin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.