Fana: At a Speed of Life!

Feedereeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Yaa’ii ariifachiisaa waliigalaa gaggeessaa jira

Finfinnee, Caamsaa 7, 2014 (FBC) – Feedereeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa Yaa’ii ariifachiisaa waliigalaa  gaggeessaa jiraachuu ibsameera.

Feedreeshiniichi yaa’ii ariifachiisaa waliigala Galma Komishinii Diinagdee Afrikaatti gaggeessaa jiraachuu himameera.

Yaa’icha irrattis Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii obbo Qajeelaa Mardaasaa fi
Preezdaantii Feedreeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa obbo Isaayaas Jiraa dabalate miseensonni Koree hojii raawwachiiftuu biroo argamaniiru.

Obbo Qajeelaan miseensonni yaa’ichaas qajeelfama fi dhimmoota irratti xiyyeeffatamuu qabu irratti akka xiyyeeffatanis kallattii kennuun himameera.

Guyyaa har’aas wixineewwan fooyya’anii ba’an sadii yaa’ichaaf dhiyaachuun mariin irratti taasifamaa jiraachuus ragaan Feedereeshiniin Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.