Fana: At a Speed of Life!

Fiigichi ‘Gumaata Xiiqii’ Magaalaa Naqamteetti gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 22, 2016 (FBC)-Bulchiinsa Magaalaa Naqamteetti Figichi Gumaata xiiqii mata duree “Hidha Guddicha Haroomsa Itiyoophiyaa akka jalqabnetti ni xumurra” jedhuun gaggeefameera.

Saganticharratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Naqamtee Obboo Misganu Tulluu fi Bulchaan Ittaanaan Godinaa Wallaggaa Bahaa Obbo Gammadaa Tafarraan hirmaataniiru.

Deeggarsaa fi hirmaannaa ummataatiin Hidhi Guddichaa Haaromsa Itiyoophiyaa sadarkaa amma irra jirurra gahuu ibsuun, ammas deeggarsii fi hirmaannaan ummataa hanga xumuraatti cimee itti fufuu qaba jedhameera.

Galaanaa Tasfaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.