Fana: At a Speed of Life!

Fiinxaalessummaa ittisuun tokkummaa keenya jabeessuu qabna-Obbo Abdujabbaar Mahaammad

Finfinnee, Caamsaa 28, 2015 (FBC)- Fiinxaalessummaa ittisuun tokkummaa fi nageenya jabeessuun barbaachisaa ta’uu Ittigaafatamaan Waajjjira Paartii Badhaadhinaa Damee Hararii Obbo Abdujabbaar Mahaammad ibsan.

Qondaaltonni olaanoo Naannoo Hararii haala yeroo biyyaalessaa, naannoo fi dhimmoota nageenyaarratti marii gaggeessaniiru.

Waltajjicharratti Obbo Abdujabbaar Mahaammad akka jedhanitti, marichirraa hubannoon waloo dhimmoota biyyaalessaa fi naannoo kan argameedha.

Fiinxaalessummaa ittisuun tokkummaa fi nageenya cimsuun barbaachisaa ta’uu kan kaasan Obbo Abdujabbaar hoggansi gahee hooggantummaa isaa sirnaan bahachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Ummanni naannichaa hundis nageenya amma mul’aataa jiru caalmaan cimsuun deeggarsa baratame taasisuu akka cimsu gaafachuu ragaan kominikeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.