Fana: At a Speed of Life!

Filannichi beekkumsa irratti kan hundaa’e akka tahuuf hayyoonnii fi beektonni siyaasaa gahee bahachuu akka qaban gaafatame

Finfinnee, Eebla 4, 2013 (FBC)- Filannichi beekkumsaa fi raga sirrii irratti kan hundaa’e akka tahuuf hayyoonnii fi beektonni siyaasaa gahee bahachuu akka qaban gaafatameera.
Ministeerri Saayinsii fi Dhaabbilee barnoota Olaanoo miidiyaa fi kominikeeshinii Damaraa waliin waltajjii gaggeessaa jira.
Waajjira ministeerichaatti daayreektarri dhimmoota bulchiinsaa fi bu’uuraalee misoomaa Dooktar Solomoon Abrahaa hayyoota, beektoota siyaasaa, filattoota, jaarsolii biyyaa, dargaggootni dammaquu akka qaban ibsaniiru.
Filannichi demokiraasii, haqa, amantummaa fi fudhatama akka qabaatuuf gahee isaanii bahachuu akka qabaniif waamicha dhiyeessaniiru.
Gorsaan muummee ministiraa gargaaraan profeessara Nabiyyuu Baayyee gama isaaniin Filannichi beekkumsaa fi raga sirrii irratti kan hundaa’e akka tahuuf hayyoonnii fi beektonni siyaasaa gahee bahachuu akka qaban gaafataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.