Fana: At a Speed of Life!

Filannoo biyyoolessaa bara 2012 Caamsaa keessa gaggeessuuf qophiin taasifamaa jira – boordicha

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Filannoo biyyoolessaa bara 2012 Caamsaa keessa gaggeessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Miseensi boordichaa aadde Bizuuwarq Kattataan Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, boordichi riifoormii of haaromsuu hojjetuun cinaatti filannnoo baranaa gaggeessuuf qophii duraa cimsee gaggeessaa jira.
 
Buufataaleen galmee filannoo 50,900 fi maxxansi waraqaalee sagalee laachuuf oolan qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
 
Maxxansa meeshaalee filannoo biyya alaatti raawwatamaa jiru kanaaf Doolaarri miiliyoonni 9 baasii ta’uu gorsituun koominikeeshinii walitti qabduu boordichaa aadde Sooliyaanaa Shimallis ibsaniiru.
 
Seera filannoo barana ba’e bu’uureffachuudhan qajeelfamoonni 20 ol kan qophaa’an yammuu ta’u, torbee itti aanuu eegalee mariin irratti ni taasifama jedhan.
 
Raawwachiistonni filannoo kuma dhibba 2 fi kuma 50 amma kuma dhibba 3 ta’an filannicharratti ni hirmaatu.
 
Boordichi buufataalee filannoo kuma 48tti siqan banuuf karoorsee hojjechaa jira.
 
Muuxannoo sagalee ummataa Sidaamaarraa ka’uudhan hanqinni akka hin mudanne bittaan maxxansa meeshaalee filannoo miiliyoona 12.5 of eeggannoof raawwatameera.
 
Kunis buufataalee filannoo 50,900tti ol guddisuu kan dandeessisudha.
 
Maxxansichi naannolee 9 fi bulchiinsota magaalaa 2 akka qaqqabutti, aafaanota shaniin hojjetamaa jiraachuu Balaay Tasfaayen gabaasera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.