Fana: At a Speed of Life!

Filannoo marsaa 6ffa boru gaggeeffamuuf qophiin xumurame – Dooktar Abiy

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC) – Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffa guyyaa boruu gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu xumuramuu Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Tarsiimoo ajaja nageenya Filannoo biyyaalessaarratti har’a bakka Dooktar Abiy argamaniin mariin gaggeeffameera.
Waltajjiin kun lammiileen sagalee isaanii laachuuf karaa nagaan socho’an marii qophii xumuraa ta’uu Dooktar Abiy Fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Qaamoleen nageenyaa sadarkaa biyyaalessaatti bobba’uu fi rakkoo muudatuuf deebii Teeknooloojiin deeggarame laachuuf hojii bal’aan hojjetamuu ibsaniiru.
Lammiileen wayita sagaalee laatan naannoo isaanii haalaan miildha’achuu akka qaban Dooktar Abiy waamicha dhiyeessaniru.
Mootummaanis filannoon gaggeeffamu filannoo nagaa fi Diimookiraatawaa ta’ee akka xumuramu qophii barbaachisu taasiisuu ibsaniiru.
Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Yuutyuubiihttps://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/
Twiitara Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.