Fana: At a Speed of Life!

Finciltoonni Hawutii dooniiwwan daldalaarratti haleellaa raawwatan akka dhaaban waamichi dhiyaate

Finfinnee, Mudde 12, 2016 (FBC)- Nageenya Galaanaa Diimaa eegsisuuf Gamtaan loltoota hundeeffame, finciltoonni Hawutii haleellaa dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaarratti raawwatan akka dhaaban waamicha dhiyeesseera.

Finciltoonni Hawutii waraana Israa’elii fi Hamaas gidduutti gaggeeffama jiruun, deeggarsa Filxeemotaaf qaban argisiisuuf dooniiwwan daldalaa Galaanaa Diimaarra qaxxaamuran irratti halleellaa raawwachaa jiran cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsuun kan yaadatamuudha.

Haleellaa finciltoota kanaa ittisuufis Gamtaan Loltootaa Ameerikaan hogganamu kan hundeeffame yoo ta’u, yeroo ammaa lakkoofsi biyyootaa gamtichatti makamanii dabalaa akka jiru ibsameera.

Dubbii Himaan Peentaagoon Meejar Jeneral Paat Raayidar akka ibsanitti, “Buufata diinagdee Addunyaa kan ta’e sarara Galaanaa Diimaa irratti finciltoonni gochaa ‘shiftummaa’ raawwachaa jiru” jedhan.

Gamtaan loltummaa, Galaanaa Diimaa fi Galoo Galaana Eden eegaa jiraachuu ibsuun gamtchi haleellaa Hawutiif deebii kennuuf qophii ta’uu eeraniiru.

Finciltoonni Hawutii Kaaba Yemenitti argaman dooniiwwan galana Diimaarra socho’an irratti haleellaa raawwatan akka dhaabaan dubbii himichi waamicha dhiyeessaniiru.

Duula waraanaa Israa’eel Sulula Gaazaatti gaggeessa jirtu biyyoota dheekkamsiisus, finciltoota Hawutii dabalatee gareewwan hidhattootaa biroon Israa’eliif deebii kennuuf sochii taasisaa jiraachuu Arab News gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.