Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee fi naannawaa isheetti balaawwan bara 2014 mudateen lubbuun namoota 115 darbe

Finfinnee, Qaammee 2, 2014 (FBC) –Finfinnee fi naannawaa isheetti balaa bara 2014 mudate 511 keessaa lubbun namoota 115 darbuu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Tasaa fi Ibbidaa Magaala Finfinne ibse.

Ogeessi Sabqunnamtii Koomishinichaa Obbo Nigaatuu Maammoo FBC’f akka himanitti, balaawwan qaqqaban keessaa 362 balaa ibbidaa yoo ta’u 149 immoo balaa lolaa, yeroo ijaarsaa, balaa bishaaniiti jedhan.

Balaa mudate kanaan lubbuun namoota 115 yommu darbu namoota 200 irra immoo miidhaa cimaa fi salphaan gahuu himaniiru.

Namoota lubbuun isaani darbee 115 keessaas, namoonni 14 balaa ibiddaan ta’uu ibsanii, warreen hafan 101 immoo balaa tasaan lubbuun isaanii darbeera.

Akkasumaas, balaa qaqqabeen Birrii miiliyoona 577 fi kuma 780 ol barbadaa’uu ibsaniiru.

Hojjatoota yeroo balaattiin Birriin biliyoona 39.2 baraaruun danada’ameraa.

Bara bajata 2014tti balaawwan mudatan keessaa sabaabni balaawwan 137 beekamuu ibsanii, balaan 63 sababaa balaa elektiriikiin akka ta’ee eeraniiru.

Tibbanas ayyanaa sababeefachuun annisaa olaanaa fayyadamuun waan jiruuf hawaasni nyaata yommu bilcheessu of eeggannoo taasisuu akka qaban hubachisaaniru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.