Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti kabaja Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaaf daandileen konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Guraandhala 22, 2016 (FBC)- Finfinneetti Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaa boru kabajamuu ilaalchisee daandilee konkolaattotaaf cufaa ta’an ifoomaniiru.

Guyyichi Finfinnee Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajama.

Humni Waloo Tikaa fi Nageenyaa Biyyaalessaa Guraandhala 23, 2016 kan kabajamu Guyyaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa 128ffaan milkaa’inaan akka kabajamu qophiin duraa xumuruun hojiitti seenuu beeksiseera.

Guyyichatti muddamni tiraafikaa akka hinmudannee fi konkolaattonni daandilee filmaataa biroo akka fayyadaman daandilee konkolaattootaaf cufaa ta’an ifoomseera.

Haaluma kanaan daandileen:

• Afincoo Barri irraa gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis

• Hoteela Semeen irraa gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis

• Mana Amantaa Yohaannis irraa gara Addabaabaayii Abuna Pheexiroos

• Arat Mantaa irraa gara Jina’aad

• Giddugalaa Gabaa Yirgaa Haayilee irraa gara Addabaabayii Abuna Pheexiroos

• Riqichaa Habtegiyoorgis irraa gara Somaalee Taraa

• Somaalee Taraa irraa gara Qaxxaamura Hoteelaa Eliyaanaa

• Addabaabaayii Takilahaayimaanoot irraa gara Addabaabayii Tewoodiroos

• Ibsaa Immigireeshinii irraa gara Addabaabaayii Tewoodiroos

• Mana Maxxansaa Daldalaa irraa gara Addabaabaayii Tewoodiroos

• Qeeraa Durii irraa gara Ibsaa Baankoo Diiroomaa

• Riqichaa Raas Mokonniin irraa gara Addabaabaayii Dagool

• Riqicha Raas Mokonniin irraa gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis

• Hoteela Maqdalaa irraa gara Mana Amantaa Qiddus Giyoorgis

• Mana amantaa Qiddus Giyoorgis irraa gara Teelee fi Addabaabaayii fuuldura Mana Amantaa Qiddus Giyoorgisitti daandileen geessan Guraandhala 23, 2016 obboroo sa’aatii 11:00 eegalee konkolaattotaaf cufaa ta’uun eerameera.

Konkolaachistoonni kana hubachuun daandilee filmaataa biroo fi Poolisoonni Tiraafikaa akeekaan fayyaadamuun tumsa barbaachisaa akka taasisan Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Naannawaa guyyichi kabajamutti jala bultiirraa eegalee sirni kabaja guyyichaa hanga xumuramutti daandilee eeramanii fi naannawaa kabajaa guyyichaa konkolaattota bulchuun, sa’aatii gabaabaafiis ta’e dheeraaf dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu ibseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.