Fana: At a Speed of Life!

Finfinneetti sagantaan adeemsa baruu fi barsiisuu bara 2015 eegalchiisuu gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti sagantaan adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiisuu bara 2015 dhaabbilee barnootaa mootummaa fi dhuunfaa hunda keessatti gaggeeffame
Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun Kutaa magaalaa Lammii Kuraatti argamuun saganticha eegalchiisaniiru.
Bara 2014 qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiileen hedduun hojjetamuu fi biyya itti fufsiisuuf dhaloota qaruun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Barattoonni biyya isaanii ijaaruuf cimanii barachuu akka qaban hubachiisuu ragaan Waajjira Kantibaarraa argame ni mul’isa.
Itti aanaan Kantibaa magaalaa Finfinnee Obbo Zhaanxiraar Abbayis kutaa magaalaa Aqaaqii Qaallattii Mana Barumsaa Sadarkaa jalqabaa Saalootti argamuun adeemsa baruu fi barsiisuu eegalchiinsaniiru.
Haala ammaa kana jijjiiruun kan danda’u dhaloota sababaawaa uumuun yoo danda’ame qofa jedhan.
Kutaa magaalichaatti bara kana manneen barnootaa 230 keessatti barattoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 18 galmaa’uun gara hojiitti galamuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Kutaa magaalichaa Dooktar Abarraa Birruun ibsaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.