Fana: At a Speed of Life!

Finxaalessummaafi cabiinsi siyaasaa bu’aalee waggoottan arfan darbanii miti- Dooktar Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Amajjii 24, 2015(FBC)- Finxaalessummaafi cabiinsi siyaasaa namoonni hedduun akka yaadan bu’aalee waggoottan arfan darbanii miti jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasaa Tulluun.

Bu’aa seenessa dogoggoraa Ityoophiyummaafi eenyummaa sabaarratti waggoottan kurnan darbanitti turanii ta’uu yaadachiisaniiru.

Dhimmoonni yeroo ammaa mul’atan sirni diimookiraasii haaraaniifi hammataan kan ifa baaseefi bilisummaa haalaan fayyadamuu dhabuurraa kan madde jedhan.

Bifuma walfakkaatuun cabiinsi diinagdee maakiroo adeemsa diinagdee yeroo dheeraafi kufaatii imaammata diinagdee turee ta’uu yaadachiisaniiru.

Waggoottan kurna darbanitti hangi maallaqaa Ityoophiyaan seera koomershaalaan liqeeffatte %60 hanga oomisha waliigalaa biyya keessaa waggoottan arfan darbanii gahee turuu addeessaniiru.

Hoggansi jijjiiramaa barii aangoo mootummaa fudhateen liqiiwwan haaraa argateen oomishtummaa guddisuun rakkoo hojii dhabdummaa akka hin furreef rakkoon ture gufuu itti ta’uu kaaaniiru.

Qaala’iinsi gatii guddina diinagdeen haguugamee waggoottan digdamman darbanitti uummata rakkoo keessa galchuu ibsaniiru.

Qormaata seensa yuunivarsiitii bara 2015 irraa wanti hubatames rakkoodhuma kana jedhan.

Sirniifi imaammanni barnootaa tures rakkoo kan qabu ta’uu ibsaniiru.

Rakkooleen kunneen kan har’aa osoo hin taane waggoottaniif kan turan ta’uu eeraniiru.

Mootummaan ka’umsa rakkoolee kanneenii bu’uurarraa qorachuun, rakkoolee kanneen hiikuun waggoota dheeraa kan fudhatu ta’uu hubachuun, kallattii furmaataa kaa’uun waaraan furuuf tattaaffii olaanaa taasisaa jiraachuu ibsaniiru.

Hundarraa kan eegamu rakkoolee mudachaa jiran tasgabbiin hubachuu, tarkaanfiiwwan fudhatamn deeggaruufi qaama furmaataa ta’uudha jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.