Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Irreechaa Hora Finfinnee, marsaa 4ffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Fooramiin Irreechaa Hora Finfinnee, marsaa 4ffaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 20, 2015(FBC)- Fooramiin Irreechaa Hora Finfinnee, marsaa 4ffaa Magaalaa Finfinnee Hoteela Sharaatanitti guyyaa har’aa gaggeeffamaa jira.

Saganticha irratti Pireezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo mootummaa federaalaafi naannoo, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi keessummoonni kabajaa argamaniiru.

Foramichi, mata duree  “Irreechi mallattoo humna keenyaa fi obbolummaati”jedhuun adeemsifamaa jira.

Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa fooramicharratti taasisaniin, uummanni Oromoo aadaa fi duudhaa isaa ganamaa asiin ga’uuf gatii guddaa kanfalee jira.

Irreechi mallattoo dukkana keessaa ifatti ba’uu keenya kan agarsiisu fi mallattoo sabaa fi sablammii tokkummaadhaan walitti hidhu ta’uu isaa dubbataniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee gamasaaniin,  Irreechi mallattoo nageenyaa, galateeffannaa, akkasumas ittiin waliif dhiisanii fi waliin jiraataniidha jedhaniiru.

Uummata Oromoo fi Sabaaf Sablammii ayyaana kana kabajuuf iddoowwan addaa addaa irraa dhufan simachuuf magaalaan Finfinnee kallattii Shananiin anaa dhufuu jetti jedhaniiru.

Dinqaa Baacaa fi Lalisee Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.