Fana: At a Speed of Life!

Fooramiin Xiinxalaa fi raaga haala qilleensaa Afrika Bahaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 16, 2015 (FBC)- Fooramii 64ffaan Xiinxalaa fi raaga haala qilleensaa Afrikaa Bahaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Fooramichi Inistitiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa Dhaabbata Misooma Mootummoota Baha Afrika (IGAD) waliin ta’uun kan qopheesseedha jedhameera.

Fooramicharratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa, Ittaanaa Daayrektara Inistiitiyuutii Raaga Haala Qilleensaa Ityoophiyaa Kinfee Haayilamaariyaam dabalatee biyyoonni miseensota IGAD fi qaamoleen dhimmichi ilaallatu biroon argamaniiru.

Waggaatti yeroo sadii kan gaggeeffamuu fi jijjiirama qabeenya qilleensaa irratti kan xiyyeeffatan, qorannoowwan garaagaraa dhiyaachuun kan mari’atamu ta’u TOI gabaaseera.

Guyyootaa lamaaf sadarkaa ogeeyyiitti kan gaggeeffamaa ture fooramichi marii sadarkaa hoggantoota olaanootiin har’a ni xumuramaan eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.