Fana: At a Speed of Life!

Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa filannoo osoo hin taane dhimma birmadummaati – Ministeericha

Finfinnee, Sadaasa 5, 2016 (FBC) – Gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa filannoo osoo hin taane dhimma birmadummaa ta’uu Ministeeri Geejjibaa fi Loojastiksii beeksiise.

Dandeettii Loojastiksii Itiyoophiyaa guddisuu fi rakkoo buufataa waaraan furuuf dhimmi karra galaanaa dhimma bu’uuraa ta’uu ibseera.

Gaaffiin Karra Galaanaa Itiyoophiyaan yeroo ammaa dhiyeessaa jirtu rakkicha waaraan furuuf kan dandeessisu ta’uu Ministir Deetaan Ministeerichaa Dangee Boruu ibsaniiru.

Karra galaanaa dhabuun guddina diinagdee biyyaa % 20 duubatti kan harkisu ta’uu eeraniiru.

Gaaffiin kun gaaffii guddina Diinagdee waliigalaa Itiyoophiyaa % 25 – 30 dabaluu danda’u, gaaffii bu’uuraa ta’uu kaasaniiru.

Kaffaltiin tajaajila buufataa waggaa waggaan dabalaa dhufuu isaan dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisaa jiraachuu TOI gabseera.

Itiyoophiyaan bara darbe qofa tajaajila Buufataaf Doolaara biiliyoona 1.6 ol baasii ta’uu himaniiru.

Kanaaf gaaffiin karra galaanaa Itiyoophiyaa filannoo osoo hin taane dhimma birmadummaa ta’uu hubatamuu qaba jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.