Fana: At a Speed of Life!

Galmeen filattootaa har’a ni xummurama – Boordii Filannoo

Finfinnee, Caamsaa 6, 2013 (FBC) – Galmeen filattootaa filannoo marsaa 6ffaa har’a kan xummuramu ta’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa beeksiise.
Filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa guyyoota muraasa booda gaggeeeffamuuf galmeen filattootaa naannolee fi bulchiinsa magaalotaa 2 keessatti gaggeeffamaa ture har’a kan xummuramu ta’uu boordichi ibseera.
Boordichi jiraattoonni magaalaa Finfinnee, naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Afaar, Beenishaanguul Guumuuz, Dirree Dawaa, Hararii, Gaambeellaa,Kibbaa, Sidaamaa fi Soomaalee hanga ammaatti kaardii filannoo hin fudhannee guyyaan xummuraa har’a ta’uu hubachuun akka fudhatan waamichi dhiyeesseera.
Miidiyaalee dabalatee qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi lammiileen kaardii hin fudhanne akka fudhataniif qooda isaanii akka ba’an boordichi gaafachuu ragaan Boordii Filannoo Biyyaalessaarraa argame ni agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.