Fana: At a Speed of Life!

Gamoo Bulchiinsa Magaalaa, seensaa fi bahinsa magaalaa Amboo ibsu Birrii Miiliyoona dhibbi 2 fi miiliyoona 23 oliin ijaaruuf dhagaa bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Amajjii 9, 2014 (FBC) – Gamoon Bulchiinsa Magaalaa, seensaa fi bahinsa magaalaa Amboo ibsu waliigalaan Birrii Miiliyoona dhibbi 2 fi miiliyoona 23 oliin ijaaruuf bakka hoggansi magaalaa Amboofi qaamoleen hawaasa garaagaraa argamanitti dhagaan bu’uuraa kaa’amuu ibsameera.

Dizaayiniin seensa magaalaa Amboo, ogeessoota Yunivarsiitii Amboon kan hojjetame yoo ta’u, seensiifi bahinsi ijaaramu magaalaan Amboo wiirtuu qabsoo Oromoo ta’uushee karaa agarsiisuun dizzayiniin isaa qophaa’uu ibsameera.

Seensaafi bahinsi Magaalaa Amboo Korporeeshinii Ijaarsaa Oromiyaan kan ijaaramu ta’uu himameera.

Dabalataan dhagaan bu’uuraa ijaarsa gamoo Waajjira Bulchiinsaa magalaa Amboo Abbaa Darbii 5 kan birrii miiliyoona dhibba 2n ijaaramu uummataaf ifoomeera.

Itti gaafatamaan mana qopheessaa Magaalaa Amboo,Obbo Yeroosan Araggaa piroojektoonni fayyadamummaa uummataa mirkaneessan 28 kan Birrii miiliyoona 100 fi miiliyoona 21 hojjetamaa jiran sadarkaa gaarii irratti argamu jedhan.

Ijaarsi gamoo Waajjira Bulchiinsa Magaalaa Amboo kan waggaa lamatti hojjetamee xummuramu rakkoo kenninsa tajaajilaa sababa hanqina waajjiraan mudachaa jiru kan furu ta’uu himaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo, obbo Hacaaluu Gammachuu, hawaasni magaalaa Amboo nageenyaaf dursa kennuu isaatiin sochiin misoomaa magaalatti yeroo kamiyyuu caalaa cimee itti fuufeera jedhan.

Milkaa’ina proojektoota kanneeniif hawaasni magaalattii fi hayyoonni Yunvarsiitii Amboo qooda isaanii ba’aaa jiraachuu OBN gabaaseera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.