Fana: At a Speed of Life!

Gamtaan Awurooppaa lammiilee Raashiyaa 6 fi dhaabbata 1 irra qoqqoobbii kaa’e

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2013 (FBC) – Manni Maree gamtaa Awurooppaa lammiilee Raashiyaa 6 fi dhaabbata 1 irra qoqqoobbii kaa’uu dhaga’ame.
 
Qaamoleen kunneen ajjeechaa yaalii Aleeksii Naavaalnii keessaa harka qabu jechuun jedhame.
 
Lammiilee Raashiyaa kunneen keessa Waajjira Preezdaantii Raashiyaatti itti gaafatamaa dhimma imaammata biyya keessaa Andiree Yaariin isaan tokko yoo ta’an, qoqqoobbiin imalaa fi qabeenya sochoosuu irra kaa’ameera.
 
Dhaabbanni qoqqoobbiin irra kaa’ame ammoo dhaabbata Oorgaaniik Keemiistirii fi Qorannoo Teeknooloojii mootummaa Raashiyaa ta’uu ibsameera.
 
Dhaabbanni kunis qabeenya qabu akka hin sochoofne qoqqoobbiin irra kaa’amera.
 
Murtoon kun kan darbe erga Ministiroonni dhimma alaa biyyoota miseensota gamtaa Awurooppaa 27 qoqqoobbii kan kaa’uuf Wiixata darbe waliigalteerra ga’anii ta’uu ibsameera.
Maddi:-Shiinwaa
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.