Fana: At a Speed of Life!

Garaagarummaan amantaa dallaa nutti ta’ee hin beeku! – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Eebila 22, 2014 (FBC) – Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen sagantaan Afxiraa Daandirraa guddichi nagaan akka xumuramu qaamolee qooda olaanaa gumaachan galateeffatan.

Nuti Ityoophiyaanonni akka hiddaa fi dagalee wal taanee kan jiraanne, jaalalaan kan kufne, gaarummaa fi hammeenyas kan qoodanne, irree keenya tokkoomeen kan biyya keenya jabeessine, garaagarummaa ogummaa fi haala tasgabbii qabuun qabannee jiraachuu kan itti beeknu nuti uummata ajaa’ibaati jedhan fuula fees buukii isaaniin.

Amantaaleen keenya madda waan gaarummaati. Qajeelummaa, obsa, wal kabajuu, waliin jiraachuu fi abbaa nageenyaati.

Duudhaalee keenya bareedaa kana duudhaa Ityoophiyaanummaatiin yoo gaaddeddeessine ammoo madda miidhaginaa keenyati jedhan.

Duudhaan keenya bareedaa kun akka hin moofofneef har’a hundi keenya itti gaafatamummaa guddaa qabna.

Kanaafuu, lammiiwwan koo qormaannii fi qortoonni haalaa fi yeroon ni dhufu ni deemus, Ityoophiyaa fi Ityoophiyaanonni garuu jabaatanii baraa baratti ce’u.

Kana waan ta’eef yeroo kanatti dhaabbannee haa yaadnu. Fedhii keessaa baanee hafuura tasgabbiin bitaaf mirga ilaallee haa ceenu. Tokkummaa keenyaa fi nageenya keenyaaf caalatti wal haa tumsinu jechuun dhaamaniiru.

Kan nurraa eegamu jaalala keenya, kan nurraa bareedu tokkummaa keenya, kan nuuf milkaa’u waliin jiraachuu keenya. Gocha har’a goonee bor itti gaabbinuu gochuu dhiisuuf waliin haa dhaabbannu.

Kaleessa Ifxara karaa gubbaa magaalaa guddittii keenya Finfinnee nagaan akka xumuramuuf qaamonni ga’ee keessan baatan hundi maqaa bulchiinsa magalattii fi maqaa jiraattoota isheen galata guddaan isiniif dhiyeessuu barbaada jedhan Aadde Adaanach.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.