Fana: At a Speed of Life!

Garee tokkoon kan gurmaa’an shakkamtoonni 12 to’atamuu Poolisiin ibse

Finfinnee, Bitootessa 19, 2016 (FBC)-Yakkoota nama ugguruu, saamichaa fi hojii waliin dhahuu garaagaraarratti kan hirmaatanii fi yakkoota 16 kan raawwatan, garee tokkoon shakkamtoonni gurmaa’an 12 to’annoo jala oolfamuu Poolisiin Federaalaa ibse.

Poolisiin ibsa baaseen Finfinnee Kutaalee Magaalattii hundatti Amajjii 29 hanga ammaatti oppireeshinii gaggeeffamaa jiruun shakkamtoota to’annoo jala oolan kuma 2 fi 763 irratti galmee qorannoo banuun beeksiseera.

Akkasumas meeshaalee yakki ittiin raawwatamaa ture konkolaattota 20, doqdoqqeewwan 2, Kilaashii 58, rasaasi 509 qabamuu eerameera.

Dabalataan shugguxiiwwan 67 fi rasaasa isaa 427, boombii hedduu fi meeshaalee waraanaa garaagaraa, laaptooppiiwwan hataman 66, taableetiiwwan 28, bilbiloota moobaayilaa kuma 2 fi 986 to’atamuun ibsameera.

Kana malees, siimkaardii 103, qaamolee jijjiirraa konkolaattotaa hedduu, TV 23, maallaqa seeraan ala daddabarfamaa ture Doolaara miiliyoona 5 fi kuma 3 fi 500 akkasumas maallaqni biyyoota 15 kan qabaman ta’uun eerameera.

Albuudaalee gati jabeeyyii, meeshaalee kontirobandii Birrii miiliyoona 208tti tilmaamanis to’atamuun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.