Fana: At a Speed of Life!

Gareen ABUT Sudaan Kibbaa akka hin tasgabboofne hojjetaa ture – Jamsi Piittaa Moorgaan

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) – Gareen ABUT Sudaan Kibbaa akka hin tasgabboofne hojjetaa turuu Ityoophiyaatti Ambaasaaddar Sudaan Kibbaa Jamsi Piittaa Moorgaan ibsan.
Ambaasaaddar Jamsi Piittaa Moorgaan mariin nageenyaa Sudaan Kibbaa miseensa ABUT ambaasaaddar Siyyuum Masfiniin durfamaa ture bu’aa galmeessuu hin dandeenye jedhan.
Waliigalteen nageenyaa bara Faranjootaa 2015 mallataa’e hojiitti hiikkamuu hin dandeenye jedhan.
Sababni isaa ambaasaaddar Siyyuum loogii taasiisaa waan turaniif jedhan.
Waliigateen nageenyaa Sudaan Kibbaa hogganummaa garee ABUTtiin gaggeeffamaa ture bu’aa osoo hin buusiin hafuu himaniiru.
Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad haasawa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa irratti taasiisaniin waliigalteen nageenyaa Sudaan Kibbaa karaa nagaan akka hin xumuramne gareen Juuntaa qooda qaban jechuun dubbachuu isaaniitti gammaduu ambaasaaddar Jamsi Piittaa Moorgaan kaasaniiru.
Shira gareen kun waliigaltee nageenyaa Sudaan Kibbaa keessatti xaxaa ture hariiroo biyyoota lamaanii miidheera jedhan.
Ityoophiyaan rakkoo keessoo ishee furuun gara misoomaatti akka deebitu amantaa qabaachuu ibsaniiru.
Hariiroon Siyaasaa, Diinagdee fi ummattootaa Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa sadarkaa cimaarra ga’uu ambaasaaddar Jamsi Piittaa Moorgaan himaniiru.
Ololli Ityoophiyaan dippiloomaatoonni Sudaan Kibbaa akka biyyattii gadi dhiisanii ba’an ajajje jechuun miidiyaalee hawaasaan tatamsa’aa ture sobaa ta’uu turtii Gaazexaa Heeraald waliin taasisaniin eeraniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.