Fana: At a Speed of Life!

Gareen Kubbaa Miilaa Ityoophiyaa har’a tapha murteessaa ramaddii xumuraa Liibiyaa waliin ni taphata

Finfinnee, Amajjii 13, 2015 (FBC) – Dorgommii Shaampiyoonaa Kubbaa Miilaa Biyyoota Afrikaa Aljeeriyaatti taphatamaa jiruun gareen Ityoophiyaa har’a tapha murteessaa ramaddii xumuraa Liibiyaa waliin ni taphata jedhame.

Tapha har’aa kana ilaalchisee leenjisaan garichaa Wubatuu Abaataa fi taphataan sarara gidduu Gaatooch Paanoom ibsa laataniiru.

Taphicha injifachuuf waan dandeenyu hunda ni taasiifna jedhan Wubatuu Abaataan.

Yaa ta’uutii gareen Kubbaa Miilaa Liibiyaa garee akka salphaatti ilaallamu akka hin taane ni beekna jedhan.

Tapha xumuraa kana injifachuuf waan dandeenyu hundi taasiisuuf qophoofne jirra jedhaniiru.

Ityoophiyaan taphicha yoo injifattee marsaa itti aanuuf darbuuf taphni Aljeeriyaa fi Moozaambik gidduutti taasiifamu kan murteessu ta’uu kaasaniiru.

Liibiyaan garuu taphaan ala ta’uun ishee mirkanaa’eera.

Taphni har’aa ulfaataa ta’us moo’achuuf gara dirree kan seenaan ta’uu taphataan sarara gidduu Gaatooch Paanoom himeera.

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa har’a sa’aatii 4:00 irraa jalqabee garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessa Liibiyaa waliin kan taphatu ta’uu ragaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Gareen Biyyaalessa Ityoophiyaa tapha jalqabaa Moozaambik waliin taasiise qixaan yoo xumuru, Aljeeriyaan ammoo goolii 1 fi 0n injifatamuun kan yaadatamuudha.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.