Fana: At a Speed of Life!

Gareen shororkeessaa ABUT ajjeechaa jumlaa raawwachuu yaa’iin mirga namoomaa Ityoophiyaa beeksiise

Finfinnee, Muddee 23, 2014 (FBC) – Gareen shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa fi Afaaritti ajjeechaa jumlaa sukaneessaa raawwachuu Yaa’iin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Garichi daa’immanii fi dubartoota dabalatee lammiilee nagaarratti ajjeechaa jumlaa sukaneessaa ta’e raawwachuu fi qabeenya hedduu barbadeessuu yaa’ichi ibseera.
Yaa’iin Mirga Namoomaa Ityoophiyaa iddoolee garaagaraatti yakka namoomaa garichi raawwate ilaalchisee gabaasa jalqabaa ifoomseera.
Yaa’ichi Walloo Kaabaa,Kibbaa, Goondar Kibbaa, Shawaa Kaabaa, Godina Saba Oromoo fi Naannoo Afaaritti miidhaa garichaan qaqqabe naanna’uun qorateera.
Garichi sarbama yakka mirga namoomaa, qabeenya barbadeessuu fi saamicha raawwachuu ibseera.
Dubartoota gudeeduu, lammiilee nagaa haala sukaneessaa ta’een ajjeesuu, buqqisuu, ajjeessuun jumlaan awwaaluu, dhaabbilee amantaa gubuu fi saamuun yakka Ityoophiyaatti ta’ee hin beekne raawwachuu Daayreektarri olaanaan Yaa’ii Mirga Namoomaa Ityoophiyaa Daan Yirgaan himaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.