Fana: At a Speed of Life!

Gareen Shororkeessaa ABUT diina ummata Tigraay ta’uu ifatti muul’iseera – Dooktar Abiy

Finfinnee, Adooleessa 17, 2013 (FBC) – Gareen Shororkeessaa ABUT diina ummata Tigraay ta’uu ifatti muul’iseera jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa Afaan Tigreen barreessaanin gareen Shororkeessaa ABUT daa’immaan mana barumsaa geessuurra gara waraanaatti dirqiin ugguruu filaachuun diina ummata Tigraay ta’uu ifatti muul’iseera jedhan.
Mootummaan namummaa dursuun tarkaanfii dhukaasa dhaabuu gamtokkkee fudhachuu hordofee garichi gochaa garaa jabinaa daa’immanirratti raawwachaa jiraachuu himaniiru.
Gareen badii ABUT faayidaa dhuunfaa fi aangoof malee ummataaf kan hidhiphanne ta’uu isaan qonnaan bulaan tasgabbaa’ee oomisha isaa akka hin oomishne yeroo murteessaa kanatti gara waraanaatti dirqiin ugguraa jiraachuu Dooktar Abiy ergaa isaaniin ibsaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.