Fana: At a Speed of Life!

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo  boba’aa haaluma baatii Caamsaan itti fufa jedhame

Finfinnee, Caamsaa 22, 2014 (FBC) – Gatiin gurgurtaa qinxaaboo kan xiyyaaraatiin alatti, haaluma gatii baatii Caamsaatiin kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsi Naannawaa beeksise.

Gatiin gurgurtaa oomishaalee boba’aa, beenzilaa, naafxaa fi gaazii adii gabaa addunyarratti dabalus, mootummaan haala qabatamaa biyyattii hubachuun, sochiin hawaas-dinagdee tasgabbiin akka itti fufuuf, gatiin gurgurtaa qinxaaboo bobaa’aawwani haaluma baatii Caamsaan kan itti fufu ta’uu  ministeerichi eereera.

Haa ta’u malee, boba’aa xiyyaaraa, naafxaa salphaa fi naafxaa gurraachaa ulfaataa gatii gabaa addunyaan shallagamee garaagarummaan jiru guutummaatti gara fayyadamtootaatti akka darbuu murtaa’eera jechuun ministeerichi beeksisuu EBC gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.