Fana: At a Speed of Life!

Ga’uumsi duula birmadummaa gareen shororkeessaa ABUT mootummaa Ityoophiyaatti deebi’ee qormaata akka hin taanee taasisuuf-QLYA

Finfinnee, Sadaasa  24, 2014 (FBC)- Ga’uumsi duula birmadummaa gareen shororkeessaa ABUT mootummaa Ityoophiyaatti deebi’ee qormaata akka hin taanee taasisuufi jechuun Qajeelchi Labsii Yeroo Ariifachiisaa beeksiseera.

Humnoonni nageenyaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimadiin durfaman duula sabdaneessaa tokkummaa gara iddoowwan weeraramaniitti gadi seenuun, gareen shororkeessaa ABUT meeshaalee saamee fuudhee akka hin baanee taasisaa jiru. Harkaa laachuuf fedhii kan hin qabnerratti tarkaanfii fudhataa jira.

Oppireeshinii guyyoota lamaan darbanitti taasifameen adda waraanaa Shawaa aanaa Qawaat, Lamlam Ambaa, Jaawuhaa, Sanbatee, Axaayyee fi Karra Qoree fi magaaloota diinni weeraree bilisa ba’aaniiru.Adda waraanaa Gaashanaatti ammoo Koonii fi Daawuntaan guutuumma guutuutti diinarraa bilisa ba’aaniiru.

Adda waraanaa Warra Iluutti Ligumaam bilisa baateetti.iddoowwan weeraramaniitti humnoonni nageenyaa oppireeshinii waloon taasisaniin gareewwan shororkeessaa ABUT lakkoofsaan heddummaatan harka kennachaa jiru.

Jaarsooliin biyyaa fi abbootiin amantaa naannichaa, gareewwan shororkeessaa ABUT holqa keessa dhokatanii jiran karaa nagaan harka akka laataniif tattaaffii taasisaniif cimsanii akka itti fufaaniif mootummaan yaadachiiseera.

Hawaasni ergamtoota ABUT bakka hundatti bittinna’anii jiran gurmaa’ee akka booji’uu, meeshaa waraanaa dhuunfaa akka hidhatu,meeshaalee garee fi kanneen biroo ammoo qaamole nageenyaatif akka laatuu waamichi dhiyaateera. Booji’amtoota kunuunsanii qabachuun aadaa keenya keessaa tokkoo waan ta’eef hawaasni booji’amtoota kanneen qaamolee nageenyaaf akka laatuu mootummaan waamicha dhiyeessa.

Gareen shororkeessaa ABUT adda hundaatti injifatamaa waan jiruuf injifannoo dhabe ololaa sobaatin uwwisuuf dhama’aa jira.

Injifatamuu isaa fudhachuu dhabuun, dargaggoota naannichaa waraana faayidaa hin qabnee kanatti hirmaachisuuf jecha osoo beeknuu duubatti deebinee jechuudhaan ofiif ergamtoota isaa jajjabeessaa jira.

Gareen shororkeessaa ABUT amma booda ergamtoota isaa weeraraaf seenan akkataa humna ittin oolchuu hin qabu.

Ergamtoonni garichaa hundi karaan hundaa waan itti cufameef karaa ba’aan dhabaniiru.

Waan kana ta’eef ergaamtoonni garichaa karaatti miliqxan waan hin qabneef harka keessaan qaamolee nageenyaatti kennuun lubbuu keessaan akka baraartaan mootummaa waamicha dhiyeesseera.

Humnoonni nageenyaa Muummee Ministiraa Abiy Ahimad waliin durfaman naannolee garichaan qabaman bifa guutuu ta’een bilisa baasuuf qabsoorratti argama.

Uummattoonni Ityoophiyaa tokko taanee garee shororkeessaa kun lamuu mootummaatti qormaataa akka hin taaneef taasisuu qabna.

Raayyaan ittisa biyyaas haala fooyya’aa ta’een ijaaruuf haawasni deeggarsa qaamolee nageenyaaf taasisaa jiru daraan cimsee itti fufuu qaba.

Dargaggoonnis raayyaa ittisa biyyaatti makamuun biyya enyuun iyyuu hin xuqamnee taasisuun imaanaa seenaa isinirra jira.

Gareen shororkeessaa kun bakkeewwan qabatee tureetti gara jabeenyummaa isaa ifatti agarsiiseera.

Dhaabbilee hawaasummaa barbadeesseeraa, qabeenyaa namoota dhuunfaa saameera, dubartoota gudeedera, daa’imman haala sukkanneessaa ta’een miidheera, jiraattoota naannichaa ajjeesuun yakka jabaa raawwateera.

Dhaabbilee amantaa salphiseera, barbadeesseera, kitaabilee qulqulluu gubeera, bakkeeewwan seenaa qabeessaa ta’aanii fi bocaalee barbadeesseera.

Kanaafi gareen shororkeessaa uummataa Tigraayiin bakka hin bu’uu kan jennuuf.

Kanaafu gareewwan mirga namaatiif qabsa’aan garee shororkeessaa kana balaaleeffachuu qabu.

Ga’uumsi duula birmadummaa gareen shororkeessaa ABUT mootummaa Ityoophiyaatti deebi’ee qormaata akka hin taanee taasisuuf jechuun Qajeelchi Labsii Yeroo Ariifachiisaa ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.