Fana: At a Speed of Life!

Giddugaleessa Gondaritti filannoo guyyaa boruu gaggeeffamuuf qophiin xumuramu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 13, 2013 (FBC)-Naannoo Amaaraa giddugaleessa Gondaritti filannoo biyyaaleessaa marsaa 6ffaa guyyaa boruu gaggeeffamuuf qophiin barbaachisu taasifamuu ibsameera.

Boordii filannoo biyyaaleessaatti Qindeessaan Giddugaleessa Gondar Dooktar Bisraategabreel Tasfaayeen, akka Giddugaleessa Gondaritti naannoon filannoo 13 fi buufataaleen filannoo 1111 qaphaa’uu himaniiru.

Sababa rakkoo nageenyaatiif naannoo filannoo keessaa 3 buufataalee filannoo keessaa ammoo 275 hafaniiru.

Kana jechuun bakkeewwan kanatti guyyaa boruu sagaleen itti hin kennamu .

Kanaaf bakkeewwan guyyaa boruu sagaleen itti hin kennamne kanatti filannoon kan kennamu Qaammee 1 akka tahe himaniiru.

Kanaaf guyyaa boruu naannoo filannoo 10 fi buufataalee filannoo 836 keessatti sagaleen akka kennamu ibsaniru.

Raabsaa meeshaalee filannoo waliin wal qabatee Saanduqni sagaleen itti kennamu kuma 2 fi 224,Saanduqni gucawwan garaa garaa of keessaa qabu yookaan “Blue Box” 844, Saanduqni iccitiidhaan sagaleen itti kennamu kuma 2 fi 790 akkasumas protookoolii Vaayrasii koroonaa eguudhaan raawwachisuuf saanitaayzariin kuma 4 fi 796,haguugduun afaanii fi funyaanii kuma 15 fi 644 raabsamuusaa fi bakki sagaleen itti kennamu yookaan dunkaannoonni guyyaa harraa dhaabbachuu himaniiru.

Paartiilee fi kaadhimamtoota dorgooman waliin wal qabatee akka Giddugaleessa Gondaritti paartiileen dorgooman 12 yeroo ta’an, kaadhimamtoonni 73 bakka bu’oota ummataaf, kaadhimamtoonni 146 immoo mana maree naannootiif ni dorgoomu.

Walii galatti namoonni kuma 600 fi 900 ta’an kaardii filannoo fudhachuusaanii Dr Bisraategabreel Tasfaayeen ibsaniru.

Daagimaawwi Deeksisaatu gabaase

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.