Fana: At a Speed of Life!

Giddugalli dandamaannaa yeroo lammiilee waliitti bu’iinsaan buqqa’anii eebbifame

Finfinnee, Amajjii 19, 2015 (FBC)- Naannoo Afaar Magaalaa Samaraatti kan ijaaramee, tajaajila kennaa kan ture giddugalli haaromsaa haareffamuun bakka qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti eebbifameera.

Sagantaichaarratti Ministir Deetaan Ministeeraa Dhimmaa Dubartootaa fi Hawaasummaa Alamiituu Umad giddugalichi dubartootaa fi daa’imman miidhaan irraa ga’e deeggarsa addaa taasisuuf kan gargaaru ta’uu ibsan.

Kan malees, fuulduratti hawaasatti akka makamanii jireenya idilee isaanii gaggeeffataniif hojiilee bal’aan akka hojjetaman kaasaniiru.

Balaa biyyarratti fuulleffate hambisuuf dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa akkasumaas abbootiin qabeenyaa fi namoonni dhuunfaa waloon hojjechuun furmaata fiduuf kan tumsu ta’uu ibsan.

Waltajjii marii sagantichaarratti taasifameen, miidhaawwan naannawaa walitti bu’iinsaan miidhamanii ilaalchisee qo’annoon gaggeeffame dhiyaachuun irratti mari’atamuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.