Fana: At a Speed of Life!

Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Beenishaanguul Gumuuzitti Mana Barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Waalaambaa eebbisiisan

Finfinnee, Caamsaa 11, 2013 (FBC) – Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoon Mana Barumsaa Beenishaanguul Gumuuz Godina Matakkal aanaa Maanduraatti Waajjira isaaniin ijaarraman eebbisiisaniiru.
Giiftii Dureen Mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifaa Waalaambaa aanaa Maanduraa ganda Waalaambaa Birrii miiliyoona 13.8 ijaarrame eebbisiisaniiru.
Manni Barumsichaa dabaree lamaan barattoota kuma 1 fi 800 keessummeessuu danda’a jedhame.
Kutaa laabraatoorii, mana dubbisa kitaabaa, kutaa yaalii kan guuttate ta’uu ibsameera.
Waajjirichi manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa marsaa duraan naannolee hunda keessatti ijaarsisaa jiru 20 keessaa manni barumsaa Waalaambaa isa tokko ta’uu eerameera.
Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo dabtara barnootaa, Teermoo meetirii, Kophee fi meeshaalee barnootaa biroo mana barumsichaaf gumaachaniiru.
Fireehiyiwat Saffiwitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.