Fana: At a Speed of Life!

Godina Booranaa aanaa Miyootti ijaarsi mana barnoota Ifa Boruu xumurame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC)- Godina Booranaa aanaa Miyoo ganda Meelbanaatti ijaaramaa kan ture manni Barnoota Ifa Boruu Miyoo Meelbanaa xumurameera.

Manneen barnootaa Proojektii Ifa Boruutiin ijaaramaa jiran keessaa Manni Barnootaa Ifa Boruu Roobee, Ifa Boruu Malkaa Soddaa fi Ifa Boruu Sabbataa Hawaas gabatee yeroo kaa’ame dursuun xumurammaniiru.

Manneen barnootaa proojektii Ifa Boruutiin ijaaramaaa jiran hundi hanga Caamsaa 30, 2013tti xumursiisuuf deggarsaa fi hordoffii cimaan taasifamaa jiraachuu ragaan Biiroo Dhimmoota Komiinikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaarra argamee ni muul’dhisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofanaYuutyuubii

https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.